(Children games) Tapha Ijolee

1.                   Ulee oggoo

Ulee oggoo qariin tiyya – horofa qabachuuf
Ulee hiriirsani wal hanqisani naqan, miila oggifatani miila tokkoon qajeelatti  kaarra deeman, yoo fixan akkasumaan qaxxaamura adoo ule sun tokkolleetti hin buune deeman, nami ssunille ado ule tokkolleetti hin bu’in fixe ulee tokko fudhate tapha haaressa jalqaba.

2.                    Obbee

Namu xilo qarate sabbo-goonan gargar deebi’an, nama galda’u dhaqutti jira, laawwe aga sii qabanitti jira yoo cufaan dhabde ofattee jedhani gurra sii rigan, ya moo’atamte jechu

3.                    Goonii

Garee lammatti jira , lachuu wayaa walt kukkuumte keeyyatte ibidda jedhani nama gola taanii qabachu dhowwani, namei gola tokko arma ce’ee waya sun qabachuu yaala, yoo ado name isa hin tuqin waan sun qabatee goolii galche jiraa jechuu dha.

4.                    Iyyo-koree

Gola-golaan fula lamatti gargar baani daara jiddu lamaan dibanii harkaan wal harkisan, name gola tokko yoo harkisani daara sun gama dabre garaa adeessani “dhuccee gara adii iyyeetti lubbu adii” jedhani itti dhaadatan, namii sun taphaan ala ta’uun warra irra gad hafes haaluma suniin guurani fixan.

5.                   Sattawwaan quuf-quufee

Moona eddeesani daaran jaaran, nama tokkotti keessa ejja, name kun waya qallo walti mammare akka qaccee namaan moona sun irra dhowwa, “sattawwaan quuf-quufe eeyee, gubaalessa quufee eyyee,  guba ganna quufe eeyee, foori aanan quufe eeyee, umuun abba warra diqqoon cite  qarre gala” yoo inni jedhu warri ala jiru kaan itti gad oriye adoo wayaan suniin name sun hin tundhee moona sun seenuuf yaala, name ado achi hin seeninu uleen sun tuxxee ajo jedhani moona inni keessa taa’utti jira.

6.                    Qixi

Udaan gaala ykn re’ee ykn hiddi qixii walt guurani. qixi qaarto jedhan orofa qabachuuf. Inni kaan ammo aanso jedha. Ka qaarto jedhe waan qixiin taphatan sun walt guure lafatti firfirsa. Isa lama ka walt aanuu qubaan waliin hadhe, ado ka dhibi hin tundhe waliin dhaha. Yoo ka dhibi tuqe ya dhabe. Achiin duuba nama aansoo jedhetti kenna. Akkanumaan aga iddiin obbatutti taphatan.

7.                     Toki
 
Tapha taka taphachuuf, takhaa didiqqaa aga midhaan  saddeeqaa shan barbaachisa.tokko , kha dhakaa bokkuu jedhamu ol darbitee,4 STEPS.
TOKII= kaan abran lafatti jissita,dhakaa bokkuu kan ol darbaa, tokko tokkoon guurta.
LAMII=Achiin duuba, lama lamaan walti guurta.
DIBBEE=bokkuu ol darbaa kaan abranuu marroo tkko walti guurta.
Qaccifata=shananuu walti qabattee,oldarbitee, hark agama dudduubaatin jala qabattee lafattti jiguu dhoorta. Lafa  buunaan la dhabde. Tanaan duuba shanauu ol darbitee, arkaatti (palm) marsiifatta. Sirraa buunaan la dhabde. Mara shanan kana dabarraan namichii sun shan qaba…..akkanumaan deemtee yo dhibbaan geette ciqilee dhaabda

8.                     Geeloo
 
Iddii loonii lama marroo maroon walmursiisaa ol darbaa qabaa oldarbaa edaa walcurdita.

9.                      Ilaada hadhuu

Laawweefi guubee fudhatanii, uura donii qabu yo argan uura dansaa boollatti in dhiyaanne laallatanii, uura uleen dhaanaa, afuursaa itti galchan. Yo inni gale namii dura ejje in fiissa. Tanaan duuba dhufanii marsanii bawuu dhowanii fiissaa  laawween guuran. Ijjeeftee fuula  qalta . durii hadha dhiiraa fuula qalee jetti maanguddoon

10.            Arrab-ilmaan dhiira

Ijoolle dhiira horii keessa jirtutti yoo qaa laphe gam-gama jiraatte walti lallabe wal arrabsa, bakki kun olla irra fagoo ta’uu qaba, sababi isaalleen arrabi kun waan laalle ka ceera fokko waan ta’eef akka nami guddaan dhaga’u hin fedhan. Nami jalqaba akkan jedha:
Ee gurba—–ee gurba…..ee gurba ……jechuun arraba isa jalqaba, arraba gise tokko jedhan irra hin deebitu.
Name kaalleen laphe qaa gama kaani akkasuma arrabsa.
Nami dursee arraba fixate ka jedhu wallaale mootameera ni armuufan. Akkan jechuun armuufu: iyyaan iyyaan iyyaa… iyyaan acaroota…acaro.. gombootaa… armuufa daalachaa..armuufa …. jaalattaa…..

11.            Arba

Nama fula sadiiti gargar qoodan: ka gari arba- waya adii mukaa waraane dhise mata gubbaatti qabata.  Ka gari saree-akka saree arbatti duta, ka gari nama arba hadhu- saree ufi guurratte wayaa mammmare arbaan dhaana.

12.            Nuura kibbii

hedduu taani naana’anii geengo uumani lafa tataani. Nami tokko bututtu diqqo qabate, nuura— kibbii jedhe nama irri mara, ka tataa’u kaan jala udaan taffii jedha. Ka bututtu qabate kaan ado name hin garre nama jala kaa’a. Nami inni adoo inni hin arginu mare itti gad deebi’ee isattu bututtu qabate naanna’a.

13.            Qoraasuma
 
Tapha kana Halkan taphatan. Golaan walqoodan, golti tamu ibidda jedhanii daara ufi qabdi, qoraasuma fuudhani daara suniin addeessan qoraasumoo……..qori galoo, gola tiyya galii gola taani badi jedhani dukkana keessa darbatani, gareen lachuu barbaada girrifti. Warri duratti argate ya moo’ate.

14.            Dhokachoo

Tokko in dhokata, tokko in barbaada. Namii dhokatu, yo dhokateen duuba, in fiissa, yokaan quuqquu jedha. Namii kaan ammo eegi fiiquu dhagayeen duuba barbaadaa itti qabata. Yo dhabee if jibbaate, mootummaan galadhi jedhaan. Yoos duuba innii akka korma warraa kha looni baroodaa gad baya.
 
15.            Bino-bineenti
 
Tapha khana nama lamatti waljalaa qabaa taphata.’’maan fa?’’ yo namii tokko jedhuu namii lammeesoo akkanumatti maqaa bineensaa fi horii wal keessa yaama ,adoo innii tanaan beekuu, maan nyaatte jedhaan. Yoosi duuba jarjaree qocaa nyaadhe fa jedha.
binoo               —————         bineeentii
maan fa           —————        loon
‘’                      —————        ree
‘’                      —————        qocaa
‘’                      —————        golj
Man nyaatte    —————       dhadee
 
16.            Hiibboyyaa
 
Nama lamatti taphata.guyyaan in taphatan. Aadaaniti. Waan tokko fakkeenaan  walti imuuf.
Hibboyyaa        ———————–  ibriq
Bokkeenni  karaa afurin dhaabate, hara tokkotti naqe.  ————–  mucha loonii
Yo wallaalte daga si galche  jettaan.
           Kagaafatu —— dagii maani?

kawalaale   ——- koree

           Kagaafatu —– Koora abaa mancoo macaroo fulati sidebis………………….

17.            Algaggaa 

Taphi kun namii tokko kobluu dida, tokko ammo qirqirsaa malee jechaan kofalchiisa.
Akkanaan jalqaban;
Algaggaa         ————-     amusee
Agaxoophee    ————-    amusee
Xoophee mooraa   ——      amusee
Moora kalee     ————-    amusee
Aagaararraa     ————–   amusee
Aagaarajalaa    ————–   amusee
Ilmaan aagoloo golaan dhayee tokkeessoo   ———-   aahaaa
Lammeesoo    —————————————————-   ahaaa
Sadeesoo—————————- Siphi
Nama tti deebiyee dubbate dhuuyyumaan bakkisan
Doobbii keessa irkisan , waliin gallakkisan
Tanaan duuba waan feete jettee kofalchiifta.

18.            Isiyyaa

Ijoollen dubra gama gama ququphante harka tokkoon lafa dhaanaa olkukkuruphatti. Nama duratti dadhabetti moo’atame. Wanni yoo sun akka dhaadutti dhaatan ammo “isiyyaa…..isiyya…aabbon kiyya sangaa qale… aabbon kee harree qale, uleele qaqallo…..korommi ta sabbo”

19.            Armuufa

Tapha heddu irratti yoo moo’atan nama moo’atame sun moorali isaa cabsuuf ni harmuufan.
Akkan jedhani”iyyaan ..iyyaan…iyyaa. iyyaan hacaroota……..hacaro gomboota……harmuufa daalachaa….harmuufa jaalattaa”
 
20.            Peelo

Lafa irratti rectaangilii uumani keessalle qaqaxxamursani sararani Dhaka diqqa tokkon sanduuqa cufa tartiiban hadhan. Oggifatani Miila tokkoon Dhaka diqqa sun dhaxxe box keessa buufte fuuta.  Yoo kha haate dhabde nama kaanitti hadha. Nami cufa hadhe oggoon guure fixe gara mata ejje ammalle garagalee dudduubaan hadha. Yoo ta hadhe keessa buuse mana sun ya hidhate nami khan dhibiin keessa hin ejjatu.

21.            Wallaanso

Wallaansoo jechuun harkaan wal qabanii wal midaa, wal butaa, wal ca’anii, abbaan dandawu walbuusa. Nami ariyyaa in tayin walii jlbiiffata.

22.            Taattaa

Nama hedduutti miila dirirfatee cinaacha waliin qabee tataawa. Nami tokko ammooirraa deemee taatta dhawa.akkan jedhee mila nama mogaa taawuu irra jalqabaee ;
Taattaa-Cariilee-Carii keessa-Boophoo-Bophisoo-Wasandaalli didee-Ariyo koromma
Wattisi ! yo inni jedhu nami miila isaatiin wattisi jedhan in cabsata.akkanumaan yo namii cufti cabsate, marro marrootti olkaani.namii jilbii isaa in dhiqqisin  chakki(harree) jedhanii udduu keessa dhanan.namii dhuqqise ammo manic jedheenii dabarsa.

23.            Tokkoo Qaa
 
Laakofsa 1-10 cufaa wayiin walti maqeessanii tkko tokkoon nama si gaafattetti himuu
1.  Tokko qaa      tokkoch moluu saanqaa
2.  Lama qaa          ———      lamaan mucha ree, tokochi moluu sanqaa
3.  Sadii qaa           ———     sadeen sunsuma aayyaa, lamaan mucha ree, tokkochi

                                                moluu saanqaa
4.  Afurii qaa           ———      abran mucha saayyaa, …………………
5.  Shanii qaa         ———      shanatan shanii harkaa,………………..
6.  Ja’a qaa            ———      ja’a yabii qaraxaa, ………………………..
7.  Torba  qa          ———      torba naannoo sanbataa, ………………
8.  Saddeeti qa      ———-     saddeti dhala saraa, ……………………..
9.  Sagali qa          ———-     sallan yaa booranaa ykn sagalan lakofsa ekeraa, ……..
10. Kudhani  qa     ———-     kurnan gomboo saddeeqaa, …………..
20. Didama qa       ———-     Didamaan kurnya lama, …………………
30. Sodoma qa      ——–       Sodomaan kurnya sadii, …………………

24.     Sarabuna

Sarabuna jechuun dallansuu ammuma ammaa ti, ka namii waan nama hin dallansifne irratti dallanu. Kanaaf tapha gufachuu diqqoon nama irra deebi’uun moohataman. Tapha kana akka armaan gadii kanatti taphatani.
Sarabuun fuudhe siiqqe lamaan dura dhaabe jedha-Namii tokko
Dhaabe deebi’e kun maal jedha namii lammeessoo  ona sarabuuna jedhee deebisa kaqaraa
Kun maal?      Siiqqee eegee
kun maal?       ta dura
kun maal?       ona sarabuuna
Sarbuuna fuudhe Goljaa sadeendura dhaabe
Dhaabee deebi’e kun maal?   ona sarabuuna
kun maal?        siiqqee eegee
kun maal?        ta duraa

kun maal?        ona sarabuuna
kun maal?        Golja eegee
kun maal?        ka jidduu
kun maal?        ka dura
kun maal?        on sarabuuna
Sarbuuna fuudhe warseessa afran dura dhaabe
dhaabe deebi’e kun maal?  on sarabuuna
kun maal?        siiqqe eegee
kun maal?        ta dura
kun maal?        on sarabuuna
kun maal?        golja eegee
kun maal?        ka jidduu
kun maal?        ka dura
kun maal?        on sarabuuna
kun maal?        warseessa eegee
kun maal?        ka jiddu
kun maal?       ka dura
kun maal?       on sarabuunaa
Kun taritiba kanaan gufuu tokko malee haga Arba jahaniitti deemee, sarabuuna ona isaatti galaa jechuu. kana galchuun guddoo jajjabduu

3 thoughts on “(Children games) Tapha Ijolee

  1. Galatoomaa
    Ammo Tapha tokko barbaade dhabee,
    Aabb diqaan diid gunnuf——Diraandess
    Wanni Diroo Kutan——–Awwaannes
    Wanni Awwaarsan—–ree
    Wanni re’een dhaltu – Immoole
    Wanni Immoole nyaatan – Geedal
    Wanni Geedalla’an – waraabess
    Wanni waraabbatan- Bisaan
    Wanni Bisaan dhaanan – Arb
    Wanni Arb gaadan- Gaad
    Wanni Gaadiyan- Loon
    Wanni lowwisan- Bof
    Wanni Boffisan- Somb
    Wanni somb nyaatan- saree
    Wanni sareen dootun- jaars arrabaa yaaman
    Wanni dhaanani arrabsa – Naddeenif ijoolleeeeeeeeeee……… need revision

  2. Galatoomaa
    Ammo Tapha tokko barbaade dhabee,
    Aabb diqaan diid gunnuf——Diraandess
    Wanni Diroo Kutan——–Awwaannes
    Wanni Awwaarsan—–????
    W

  3. Maxxansitoo ti site kana guddoo galatooma. Waan heddu namtti tolaa fi haga irraa guddaa qulqullinna qabaa irraa keettan.Yoo wallaale biraa naa deema waan diqqoo miliqa natti fakkaatetti jira.Kunis,Lakkoofsa 23ffa mata dureen isaa ” tokko-qa” jedhama malee Sarabuuna miti.” Sarabuna” ammoo tapha uf danda’e taha.
    Sarabuna jechuun dallansuu ammuma ammaa ti, ka namii waan nama hin dallanne irratti dallanamu.Kanaaf tapha gufachuu diqqoon nama irra deebi’uun moohataman.Innis kunoo akka armaan gadii kanatti taphatama.
    Sarabuun fuudhe siiqqe lamaan dura dhaabe jedha-Namii tokko
    Dhaabe deebi’u kun maal jedha namii lammeessoo
    Ona sarabuuna
    Kun maal?
    Siiqqee eegee
    kun maal ta dura
    kun maal on sarabuuna
    Sarbuuna fuudhe Goljaa sadeendura dhaabe
    Dhaabee deebi’e kun maal?
    ona sarabuuna
    kun maal
    siiqqee eegee
    kun maal ta duraa kun maal
    ona sarabuuna
    kun maal
    Golja eegee
    kun maal
    ka jidduu
    kun maal
    ka dura
    kun maal
    on sarabuuna
    Sarbuuna fuudhe warseessa afran dura dhaabe
    dhaabe deebi’e kun maal
    on sarabuuna
    kun maal
    siiqqe eegee
    kun maal
    ta dura
    kun maal
    on sarabuuna
    kun maal
    golja eegee
    kun maal
    ka jidduu
    kun maal
    ka dura
    kun maal on sarabuuna
    kun maal
    warseessa eegee
    kun maal
    ka jiddu
    kun maal
    ka jidduu
    kun maal
    ka dura
    kun maal on sarabuunaa
    Kun tariiba kanaan gufuu tokko malee haga Arba jahaniitti deemee, sarabuuna ona isaatti galaa jechuu. kana galchuun guddoo jajjabduu. Yoo barbaachise Audio tolchee isaanii erguu danda’a.
    Galatooma

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *